Amajji 27,2023 Waliif TV Finfinnee
Dhaabbanni Tv Waliif Finfinnee Hoteela Internaashinaalii Ililliitti hundeeffamuun isaa ifoome.
Amajjii 27,2023 | Waliif Tv | Qaama warraaqsa diinagdee Oromoo keessa tokko kan tahe dhaabbanni Tv Waliif hundeeffamuun isaa ifoomeeti jira .
Qaawwa gama Miidiyaatiin ummanni Oromoo qabu guutuufi duuchuuf Miidiyaan Oromoo qaama warraaqsa diinagdee sabichaa keessaa isa tokko tahuudhaan hundeeffamuun guyyaa kana bakka hundeessitoonni Miidiyichaa, Boordiin Miidiyichaa, Abbootiin Gadaa, Abbootiin Amantii, keessumoonni kabajaa , namoonni Miidiyaatii fi barreessitoonni akkasumas qaamni garagaraa argamanitti hundeeffama isa ifa taasiseeti jira .
Bu'uuruma kanaan Tv ' n Waliif toora xiyyeeffannoo isa guddaa bashannansiisuu fi barsiisuu, oduufi odeeffannoo lammiiwwan biraan gahu, akkasumas diinagdee fi kalaqa, hawaasummaa fi qarooma, aadaa fi seenaa, aartii fi muziqaa irratti fuulleeffachuun kan hojjatu tahuu isa himee kan jiru yoo tahu;
Tv 'n Waliif guddina Industirii Miidiyaa Oromoo keessatti dhaabbata miidiyaa bifa adda tahee fi roga guddina Industirii miidiyaa biyyattii keessatti hin baramneen ummatatti as bahuuf jiru tahuun isa sirna bu'uureeffama Miidiyichaa irratti kan dubbatame tahuu isaatiifi miidiyichi qaama warraaqsa diinadee Oromoo keessa isa akkaan guddaa fi murteessaa tahuu isaa ummanni hubatee tumsa isarraa eeggamu gama maraan bahachuu qabas ja'aameeti jira .
Dhaabbanni Tv ' Waliif dhaabbata meeshaa Industurii Miidiyaalee ammayyaa olaanaa hunda guuttachudhaan, ogeeyyii Miidiyaa muuxannoo yeroo dheeraa qabanii fi Gaazexeessitoota bulleeyyii ummata isaanii biratti hojii boonsaa hojjataa turaniin maqaa gaarii qabaniin dhaabbata hundeeffameedha .
Waliif Tv dhaabbata Miidiyaa biyyattii keessaa isa tokko tahuu fi dhaabbata Miidiyaa guddicha argaa dhageetti lammiiwwanii tahuun hojjatu yoo tahu, dhabbatichi guddina Industirii Miidiyaa biyyatti keessatti roga haarawa kana dura Miidiyaaleen irratti hin hojjatinii fi hojiilee adda tahan hedduu qabachuun miidiyaa hojii fi ilaalcha haarawa gadi bahaa jirus jedhameeti jira
Sirna bu'uureeffama Miidiyichaa irrattis lammiiwwan biyyatti hundi hundeeffamuun dhaabbata Tv Waliif itti ifoome irraa jalqabuun Aksiyoona bitachudhaan Abbaa Miidiyaa tahu akka dandahanis ifoomeeti jira .
Haaluma kanaan lammiiwwan aksiyoona bitachuu barbaaddan dhaabbata Tv Waliif Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa, Baankii Awaash, Baankii Siinqee, Baankii Oromiyaa, Baankii Gadaa, fi Baankii Daldala Itoophiyaa naannoo isaanii jiru hunda argachuu akka dandahaanis jedhame kan jiru yoo tahu, fi gatiin aksiyoona tokkoo Qarshii ( Birrii ) kuma tokko tahuu fi namni tokko al tokkotti aksiyoona kudhanii hanga kuma lamaa bitachuu akka dandahu ifa taheeti jira, kana jechuun ammoo namni tokko Qarshiidhaan ( Birridhaan ) qarshii kuma kudhanii (10, 000 ) hanga Miliyoona lamaatti ( 2,000,000 ) bitachuu dandaha jechuudha .
Dhaabbanni Miidiyaa Waliif hojjattootaa fi gaazexeessitoota Miidiyaa FIB kan duraaniin dhaabbata Tv bu'uureeffameedha.
Ji'oota dura tuutni Miidiyaa FIB bara durii kunniin dabaa fi shiraan hojii isaanii irraa gaggeeffamanii turuun isaanii kan yaadatamu yoo tahu , gareen FIB durii kunis guyyaa har'aa jechuunis Amajjii 27, 2023 Finfinnee Hoteela Internashinaalii Ililliitti dhaabbata Miidiyaa Waliif bu'uuressuu isaa ifa taasisuun, lammiiwwanii biyyattii fi dhaabileen kamiyyuu aksiyoona bitachuun abbaa Miidiyaa kana akka tahaniif hulaa ( balbala ) isaa baneeti jira .





0 Comments