Subscribe Us

Header Ads

Raajii Ashannaafii Maammadee Barataa university science and Technology Adaamaa irraa qabxii olaanaa galmeessuun eebbifame

Raajiin dhuguma Raajiidha!, ‘Raajii hojjate!’ 








 Dargaggoo Raajii Ashannaafii jedhama wallaggaa Gidaamiitti dhalate. Yuunvarsitii Saayinsiifi teeknooloojii Adaamatti barnootaa isaan koorsiiwwan 60 fudhate hunda A+ (60+) galmeesisuun raajii hojjeteera.


Dargaggoo Raajii Ashannaafii dargaggoo umurii 25 yoo ta’uu, mana barnoota Bultii Addaa Oromiyaarraa qormaata seensa Yuunivarsiiti qoramuun qabxii 647 galmeessisuun turee bara 2010 Yuunvarsittii Saayinsiifi teeknooloojii Adaamatti kan seene. 


Yuuniversiitii Saayinsiii fi Teekinooloojii Adaamarraa har’a Raajiin guyya tokkootti barnoota Applied Fiiziksii fi Applied Herreegaan Qabxii olaanaan eebbifame. 


Hayyuu qaxalee kanaaf Addunyaarraa Yuunvarsitootaa saayinsii fi teeknooloojii adda duree keessaa Ameerikaatti Yuunvarsitiin MIT jedhamu sagantaa barnoota PhD akka baratuuf afeereeraa jedhan Pireezidaantiin Yuunvarsitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaa Dooktar Lammii Guutaan.

Post a Comment

0 Comments